Fana: At a Speed of Life!

DhMG rakkoon Afrikaa furmaata Afrikaa akka argatu deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibse

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii rakkoon Afrikaa furmaata Afrikaa akka argatu deeggarsa barbaachisu kan taasiisu Gaanfa Afrikaatti Ergamtuun addaa Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa Haanaa Sarwaan ibsan.

Afrikaan Ardii guddoo rakkoo siyaasaa fi diingadee ishee mudate ofiin furachuu dandeessu ta’uu Haanaa Sarwaan himaniiru.

Afrikaan rakkoolee ishee mudate ofiin furachuuf tattaaffiin taasiiftu kan dinqisiifamu ta’uu kaasaniiru.

Yaadama rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa dhugoomsuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tumsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu himaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii fi Gamtaan Afrikaa waliigaltee dhimmoota nageenyaarratti tumsaan hojjechuuf mallatteessan hojiirra oolchuuf deeggarsi garaagaraa taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Rakkoolee nageenyaa yeroo ammaa kutaalee ardichaa garaagaraatti mudatuuf furmaata waaraa kennuuf hoggantoonni Afrikaa murannoon hojjechuu qabu jedhaniiru.

Aadaan rakkoolee jiran marii fi marabbaan furuu gabbachaa yoo hin deemne nageenya waaraa mirkaneessuun rakkisaa ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.