Fana: At a Speed of Life!

DhMG nageenya waaraa fi misooma itti fufaa mirkaneessuuf hojiilee Ityoophiyaan hojjechaa jirtu kan deeggaru ta’uu ibse

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii nageenya waaraa fi misooma itti fufaa mirkaneessuuf hojiilee Ityoophiyaan hojjechaa jirtu kan deeggaru ta’uu beeksiseera.

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Assaffaan Itti Aantuu Barreessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaan qormaata keessa taatus nageenya waaraa fi misooma itti fufaa mirkaneessuuf hojii hunda galeessa hojjechaa jirtu ilaalchisee marii taasiisaniiru.

Dooktar hojiilee Ityoophiyaan hojjechaa jirtu ibsa taasiisaniiru.

Itti Aantuu barreessituun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad
gama isaaniin, hojiilee nageenya waaraa fi misooma itti fufaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifataniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hojiilee biyyattiin raawwachaa jirtu deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.