Fana: At a Speed of Life!

DhMG hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa kan deeggaru ta’uu ibse

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa kan deeggaru ta’uu beeksise.

Ittaantuun Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa Amiinaa Mahaammad Ittaanaa Muummee Ministiraafi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin waliin mari’ataniiru.

Ittaantuun Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa Amiinaa Mahaammad Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee dandeettii isheen hiikuu dinqisiifachuun, adeemsa hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa damee maraan ni deeggarra jedhaniiru.

Karoora hojiilee deebisanii dhaabuu deeggaruun barbaachisaa ta’uu eeruun, waliigalteen nageenyaa kun biyyoota Afrikaa birootti abdii kan hour ta’uu kaasaniiru.

Obbo Dammaqaa Makonnin gamasaaniin, adeemsi waliigaltee nageenyaa haala milkaa’aa ta’een hojjetamaa jiraachuu ibsuun, ajandaa nageenyaa bakkeewwan birootti hojiirra oolchuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Hawaasni idil addunyaas deeggarsa tattaaffii kana madaaalu taasisuu akka qabu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.