Fana: At a Speed of Life!

DhMG gumaacha Itiyoopiyaan ergama nageenya kabachiisuu dhaabbatichaaf taasisaa jirtu dinqisiifate

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)-Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Gargaaraa Barreessaa Olaanaa Oppireeshinii Nageenyaa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii Zhoon Piyoor Lakirooy waliin dhimmoota ergama nageenya kabachiisuurratti mari’ataniiru.
Zhoon gumaachaa Itiyoophiyaan ergama nageenya kabachiisuu fi oppireeshinii nageenyaa dhaabbatichaa waliin hariiroo cimaa uumuun hojiilee hojjechaa jirtu dinqisiifataniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen gama isaaniin, Itiyoophiyaan qabsoo shororkeessummaarraatti taasifamuuf kutannoo qabaachuu ibsanii, bobbiin humnaa ergama nagaeenya kabachiisaa Gamtaa Afrikaa booda jiru xiinxalamuun eeggannoo cimaan gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dabalataan Ambaasaddar Taayyeen, Yeroo ammaas haala nageenyaa hintasgabboofne keessatti humnoonni biroon meeshaleen waraanaa dhiyeessan harka shororkeessitootaa galuuf carraa olaanaa akka qabu yaaddoo jiru ibsaniiru.
Mariin isaanii Yaa’ii waliigalaa 79ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirun cinaatti ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.