Fana: At a Speed of Life!

DhMG deeggarsa namoomaaf Doolaara Miiliyoonaa 100 gadi lakkise

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)-Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolaara miilliyoona 100 gadi lakkise.

Gama Fandii Deeggarsa Yeroo Hatattamaa Dhabbatichaan baajatni gadi lakkifame rakkoo namoomaa furuuf qaamolee haqinni maallaqaa mudateen qaqqabsiisuuf ta’uu eerameera.

Haaluma kanaan Afrikaa dabalatee biyyoota ardiilee garaagaraatti argaman 10 kan ramadame ta’uu dhaabbatichi iba baaseen beeksiseera.

Baajata amma gadi lakkifame Doolaara miiliyoona 100 harkaa tokko sadaffaan gama Waajjira Qindeessaa Dhimmootaa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin kanneen deeggarsa hatattamaa barbachisuun kan ga’u ta’uu eerameera.

Keessumaa biyyoota jijjiirama qabeenya qilleensaan miidhaa olaanaan irra ga’e fayydamtoota akka ta’an eerameera.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaa, Kaameeruun, Moozaambiik, Burkinafaasoo, Burundii, Maalaawii, Yemen, Maayinaamaar fi Haayitii fa’aan fayyadamtoota akka ta’an eerameera.

Sadarkaa idila addunyaatti namoota miiliyoona 187 deeggarsi namoomaa barbaachisuun qaqqabuuf Doolaaraa Biiliyoonaa 49 kan barbaachisu ta’us, fedhii jiru guutuuf hanqinni Doolaara biiliyoona 35 akka jiru ibsichaan eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.