Fana: At a Speed of Life!

DhMG deeggarsa Doolaara Miiliyoona 40 Ityoophiyaaf eeyyame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) –Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa namoomaa yeroo ariifachiisaa Ityoophiyaaf kan oolu Doolaara Miiliyoona 40  eeyyameera.

Maallaqichi lammiilee sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deeggaruuf kan oolu ta’uu Dhaabbatichatti Itti aanaa Barreessaa fi qindeessan Dhimmoota  deeggarsa namoomaa yeroo ariifachiisaa Maartiin Giriifaatis ibsaniiru.

Akkasumas Kibba biyyattiitti hongee muudateef deebii dursaa laachuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Maallaqni eeyyame Doolaarri miiliyoonni 25 Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Giddugala Fandii deebii balaarraa kan argame yoo ta’uu, kan hafe Fandii Deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatti argamaniin kan uwwifamu ta’uu himameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.