Fana: At a Speed of Life!

DhMG Buqqaatii Itiyoophiyaa keessaa ittisuuf deeggarsa akka taasisu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii buqqaatii Itiyoophiyaa keessaa ittisuuf kan dandeessisu deeggarsa akka taasisu beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Gorsaa Dhimma Buqqaatii Biyya Keessaa Barreessaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii Roobarti Paayipar walin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Ambaasaaddar Misgaanuun buqqaatii biyya keessaa gama to’achuun rakkoolee mul’atan furuuf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Mootummaan buqqaatii biyya keessaa waarinaan hambisuuf buqqaatota gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojiileen haaromsaa fi deebisanii ijaaruu gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii rakkoolee garaagaraan lammiilee miidhaan irra ga’e deebisanii hundeessuuf tattaaffii taasifamu akka deeggaru gaafataniiru.

Roobarti Paayipar gama isaaniin buqqaatii biyya keessaa to’achuuf Dhabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaaf deeggarsa ni taasisa jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.