Fana: At a Speed of Life!

DhMG bara 2024’tti guddinni diinagdee Addunyaa %2.4’tti akka bu’u raage

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Bara Faranjootaa 2024’tti guddinni diinagdee Addunyaa %2.4’tti akka gadi bu’u Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii raage.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii raaga guddina dinagdee Addunyaa bara 2024 fi abdii jiru ilaalchisuun gabaasaa baaseera.

Akka gabaasaa dhaabbattichaatti diinagdeen Addunyaa guddina bara Faranjootaa 2023 ture %2.7 irraa barana gara %2.4’tti akka gadi bu’u ibseera.

Kunis guddina diinagdee wayita weerara Vaayirasii Koronaa ture %3 irraa kan hir’ina argisiiseedha jedheera.

Damee Nageenya Dinagdee fi Hawaasummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektarri Kutaa Xiinxala Diinagdee fi Imaammataa Hantaanuu Mukarjii, Addunyaan guddina diinagdee %3 galmeessuuf tattaafataa jirti jechuun dubbataniiru.

Bara Faranjootaa 2024’tti qaala’iinsi addunyaarratti giddugaleessaan %3.9 akka ta’uu Daayrektarichi ibsaniiru.

Kunis bara Faranjootaa 2022’tti mul’atee kan ture %8.1 waliin yoo madaalamu jijiirama saffisaa kan qabu ta’uu akeekaniiru.

Biyyoota guddachaa jiranittis hangi qaala’iinsaa %10 ol akka ta’u himuu The Cable gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.