Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya’iinsa agarsiisus fedhii jiru waliin wal hin simu- Jiraattota Tigraay

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Waliigaltee nageenyaa hordofee dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya’iinsa agarsiisus fedhii jiru waliin wal hin simu jedhan jiraattonni naannoo Tigraay.

Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet daawwannaa naannichatti taasiseen hojiileen deeggarsaa mootummaafi dhaabbilee deeggartootaan taasifamaa jiraachuu daawwateera.

Haa ta’u malee deeggarsi taasifamaa jiru fooyya’iinsa agarsiisus fedhii jiru waliin kan wal hin simne ta’uu dubbataniiru.

Kana malees namoonni uwwisa deeggarsaa keessatti hin hammatamne jiraachuu ibsaniiru.

Qindeessaan deeggarsa namoomaa magaalaa Shiree Taayyee Maammoo, kenniinsa deeggarsaarratti rakkooleen mul’atan jiraachuu mirkaneessaniiru.

Rakkichi kan uumame ragaan lakkoofsa deeggaramtootaa wayita fudhatamu jiraattonni hedduun naannawicharraa buqqa’anii waan turaniif, caasaaleen mootummaa waan diigamaniifi lakkoofsi deeggaramtootaa fi dhiyeessii wal madaaluu dhabuu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsi sadarkaa idil addunyaa eeggate guyyaa kaleessaa irraa kaasee Shireefi naannawaa isaatti lammiilee 140 taasifamuu dubbataniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.