Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii fi Raabsa meeshaalee bu’uuraa gabaa Ayyaanaa to’achaa jiraachuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ibse

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Dhiyeessii fi Raabsa meeshaalee bu’uuraa Ayyaanoota yeroo itti aanu kabajamanii to’achaa jiraachuu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Ayyaanaa Hiikaa fi Iid Alfaxiriif Meeshaaleen bu’uuraa karaa sirriin akka raabsamaan to’annoo fi hordoffii barbaachisu taasiisaa jiraachuu Ejansiin Waldaalee Hojii Gamtaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibseera.
Ayyaanoota yeroo itti aanu kabajaman kanneen yaada keessa galchuun meeshaaleen bu’uuraa gama Waldaalee Hojii Gamtaan dhiyaachuu Ejansichatti Daayrektarri Gabaa fi Bu’uura misoomaa Aadde Dabrituu La’alem ibsaniiru.
Hanqinni dhiyeessii fi Raabsaa akka hin muudanne Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee, Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa, Warshaalee oomishtoota galteewwan Indaastirii fi qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Ayyaanoota kanneeniif Sukkaarri kuntaalli kumni 120, Zayitni liitirri miiliyoonnai 1.5, Daakuun Kuntaalli kumni 41, Killeen miiliyoonni 1.2 fi Qullubbiin kuntaalli kumni 50 gama Waldaalee Hojii Gamtaa magaalichaan fayyadamtootaaf dhiyaachuu Aadde Dabrituun eeraniiru.
Kutaalee magaalichaa 11 fi aanaalee hunda keessatti oomishaaleen ayyaannichi barbaadu hundi Egizibishanii fi Baazaarii qophaa’een dhiyaachuu kaasaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.