Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii deeggarsa namoomaa Naannoo Tigraayiif midhaan kuntaallii kumni dhibbi 4 kuusaa gidduugalaa Maqaleetti kuufamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Mootummaan Federaalaa Dhiyeessii deeggarsa namoomaa Naannoo Tigraayiif midhaan kuntaala kuma dhibba 4 kuusaa gidduugalaa Maqaleetti kuusuu Komishiniin Hoggansa Ittisaa Sodaa Balaa beeksiise.

Ministeerri Qonnaa gama isaan qonna gannaaf xaa’oon kuntaallii kumni dhibbi 6 fi kumni 17 gara naannichaa galuu ibseera.

Tarkaanfii mootummaan dhukaasaa dhaabuu naannichatti fudhate hordofee deeggarsi namoomaa akka adda hin cinne midhaan kuntaallii kumni dhibbi 4 kuusaa gidduugalaa Maqaleetti kuufamuu komishinarri Komishinii Hoggansa Ittisaa Sodaa Balaa Komishinira Mitikkuu Kaasaan ibsaniiru.

Dhiyeessii mootummaan taasiisu dabalataan dhaabbileen deeggarsa namoomaa midhaan kuusan jiraachuu ibsaniiru.

Xaa’oo kuntaallii kumni dhibbi 3 fi kumni 68 Maqaleetti kuufamee jirachuu Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa obbo Saanii Raddii ibsaniiru.

Hanga ammaatti aanaalee hojii qonnaa keessa galan 50f xaa’oon kuntaallii kumni 40 raabsamuu himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.