Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii bishaan dhugaatii fooyyessuuf dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Dhiyeessii bishaan dhugaatii fooyyessuuf dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii ibse.

Jilli garee Ministira Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaafi hoggantoota olaanoo Ministeera Fayyaan durfamu piroojektoota bishaan dhugaatiifi humna haaromsamaa gama “Water For All” godina Shawaa Bahaa aanaa Gimbichuufi godina Guraagee aanaa Sooddootti ijaaraman daawwateera.

Dhiyeessii bishaan dhugaatii hawaasa hundaaf gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ibsaniiru.

Dhiyeessii bishaan dhugaatiifi humna haaromsamaa guddisuuf mootummaan dhaabbilee tola ooltotaafi deeggartoota misoomaa waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu eeruusaanii TOI gabaaseera.

Waliin gahiinsa dhiyeessii bishaan dhugaatii guddisuuf piroojektoota bocuun hojiileen misoomaa garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.