Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeenyatti gabaan dhiyeessii humnaa to’annoo miseensota ‘BRICS’ jala oola jedhame

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- Gabaan dhiyeessii humnaa Addunyaa dhiyeenyaatti to’annoo biyyoota miseensota ‘BRICS’ jala akka oolu qorannoon tokko ifoomse.

Garichi dhiyeenyatti dhiyeessi zayiita boba’aa addunyaa %50’tti dhiyaatu akka to’atu, Infootek bara 2022 baay’ina biyyoota oomishtootaa fi ergitootaa zayita boba’aa baasee wabeeffaachuun RT’n gabaaseera.

Garichi biyyoota gaaffii isaanii raggaasise ja’aa dhaabbiiidhaan yoo miseensaa garichaa taasise kuufamaa fi oomisha zayiita boba’aa addunyaa harka walakkaatti dhiyaatu to’achuu akka danda’an eerameera.

Biyyoonni kunneen bara faranjootaa 2024 miseensa oggaa ta’an hundessitoota waliin ta’uun daldala alaa zayiita boba’aa addunyaa %39 ta’u to’achuu akka dandeessisuu fi zayiitni boba’aa addunyaa %47.6 biyyoota kanneeniin akka oomishamu ibsameera.

Dhiyeenya kana gaaffii miseensa BRICS ta’uu kan dhiyeessite Veenzuweelaan fudhatama yoo argatte ammo dhiibbaan biyyoota miseensota garichaa akka dabaluu fi kuufamni boba’aa biyyoota miseensotaa %65.4 akka ta’u ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.