Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota yeroo irratti jiraattota kutaalee magaalaa Finfinnee waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 4, 2015(FBC)- Dhimmoota yeroo magaalichaarratti jiraattota kutaalee magaalaa Finfinnee waliin mariin gaggeeffamuu ibsame.

Marichi nageenya sirna baruufi barsiisuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhaabbilee barnootaa eeguufi ergama isaanii akka ba’atan taasisuuf hawaasni itti gaafatamummaa isaa ba’achuu akka qabu ibsameera.

Manneen barnootaa barnootarratti qofa akka xiyyeeffatan taasisuun barbaachisaa ta’uufi qaamolee dhaabbilee barnootaafi barattoota ergama biraaf itti fayyadamuu barbaadan ittisuufi tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Gorsaan sabquunnamtii kantiibaa magaalichaa obbo Alamaayyoo Ijjiguun qaamoleen ajandaa siyaasaa biraa qaban misoomaafi nageenya biyyaalessaa gufachiisuuf manneen barnootaatti fayyadamuuf yaalii taasisuu kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa hawaasa waliin ta’uun qaamolee rakkoo uuman irratti tarkaanfii barbaachisaa kan fudhatu ta’uu fi qabeenya barbadaa’u hawaasni eeguu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hirmaattonni marichaas maatiin ijoollee isaanii hordofuurra darbee dhaabbilee barnootaa eeguuniifi qaamolee rakkoo uuman saaxiluun mootummaa waliin hojjechuu qaba jechuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.