Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota nageenyaa sirna barnootaa keessa galchuuf hojjetamaa- Ministeera Nageenyaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)-Ijaarsi duudhaa nageenyaa fi dhimmoota nageenyaa sirna barnootaa keessatti haammatamuun akka galu Ministeera Barnootaa waliin hojjechaa akka jiru Ministeerri nageenyaa beeksise.

Raawwii karoora bara 2015 Ministeerichaa fi dhaabbalee waamamtootaa gamaaggamaameera.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Binnaalfi And’aalam bara 2015 nageenya cimsuu fi duudhaalee gabbisuuf hojiilee ijoo raawwataman ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Dhaabbilee amantaa keessatti nagan akka bu’u mariin gaggeeffamuu, gumiin hundeeffama mana maree nageenyaa Ityoophiyaa adeemsifamuu akkasumas, tola ooltonni kuma 42 fi 500 ol naannawasaanii alatti hojii tola ooltummaaf bobba’uusaanii Obbo Binnaalfi ibsaniiru.

Dduudhaa waliin jireenyaa cimsuu fi hariiroo amantaa jidduu jiru fooyyessuuf ministeerichi hojjechaa akka jirus eeraniiru.

Hojii ofeeggachiisuu walitti bu’iinsaan duraa teeknooloojiin deeggarame sadarkaa jalqabaatti hojiirra ooluusaa fi hojiin ministeerichi damee tola ooltummaan hojjete jijjiirama fiduu, duudhaalee biyyaa cimsuufis bu’aqabeessa ta’uu himaniiru.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaan gamasaaniin, gurmaa’inni nageenyaa jalqabaman jijjiirama fiduusaanii fi hojiileen kunneen xiyyeeffannoo addaan cimanii itti fufuu akka qaban hubachiisuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame nimul’isa.

Hariiroo mootummoota naannolee jidduu jiru cimsuu, itti fayyadama teeknooloojii akkasumas hojmaanni qindoomina dhaabbilee caalaatti cimuu akka qabu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.