Dhimmoota hariiroo uummataa cimsan irratti xiyyeeffannaan kennamee ni hojjetama-Mana Maree Federeeshinii
Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2014 (FBC)- Dhimmoota hariiroo uummataa cimsan irratti xiyyeeffannaa kennee kan hojjetu ta’uu Manni Maree Federeeshinii ibseera.
Af Yaa’iin mana marichaa obbo Aganyahu Tashaagar Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii duraanii obbo Adam Faaraa waliin dhimmoota mana marichaan hojjetamaa turanii fi ajandaalee ijoo fuula duratti xiyyeeffannoo barbaadan irratti mari’ataniiru.
Marichaanis manni marichaa hojiilee waldhabdee hiikuu fi hariiroo uummataa cimsan irratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu ragaan Mana Maree Federeeshinii irraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.