Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota Amantaa mariin furuuf waliigalamuu Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Rakkoolee dhimma amantaan walqabatanii ka’an mariin furuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin waliigalteerra ga’amuu Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa beeksise.

Gumichi haala yeroorratti ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ibsa kenneenis, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti taatee tibbana mudatee ture ilaalchisuun Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi abbootii amantaa akkasumas bakka bu’oota dhaabbilee amantaalee waliin mari’atamuu ibseera.

Rakkoo mudates mariin furuuf, waliigalteerra ga’amuu eeruun, mootummaan naannichaas itti gaafatamummaa qabuun, dhaabbiilee amantaaf deeggarsa taasisuu akka itti fufu gaafateera.

Dhimmoota amantaan walqabatan ilaalchisees dursee qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun barbaachisaa ta’uurratti waliigalamuu beeksiseera.

Sababa hokkara ka’een lubbuun namootaa darbuutti gadda itti dhaga’ame ibsuun maatii fi firoottan namoota lubbuun darbaniif jaajjabina hawweera.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.