Fana: At a Speed of Life!

Dhimmi Tigraay furmaata argachuu kan danda’u marii qofaani- Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Dhimmi Tigraay furmaata waaraa argachuu kan danda’u marii karaa nagaa qofaan ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.

Gareen shororkeessaa ABUT dhimmi uummataafi dargaggoota Tigraay isa hin yaaddessine dhumaatiifi barbadaa’uu kaleessaarraa osoo hin baratiin yeroo ammaas daa’immaniifi dargaggoota naannichaa waraanaatti bobbaa’asaa jiraachuu eeraniiru.

Qophaa’ummaa mootummaan federaalaa nageenyaaf agarsiiseefi waamicha dhiyeesse cinaatti dhiisuun filannoo nageenyaa  uummanni Tigraay abdiin eegaa ture dhiisuun guyyaa har’aa waraana eegaluu ibsaniiru.

Uummanniifi dargaggoonni naannichaa daandii badiisaa gareen shororkeessaa ABUT eegale akka balaaleffataniifi garichi waraana dhaabuun gara mariitti akka galuuf dhiibbaa taasisuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Hojii gaariin kun hojii uummata Tigraayiifi michoota isaa addunyaarra jiranii ta’uu akka qabu kaasaniiru.

Uummanni Tigraay uummata godaannisa waraanaa akkasumas barbaachisummaafi faayidaa nageenyaa haalaan beeku ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf da’immaniifi dargaggoota gara waraanaatti bobbaasuun faayidaa kan hin qabne ta’uu hubachuun barbaachisaadha jedhan.

Ammas osoo hin barfatiin nageenyaaf waardiyaa ta’anii dhaabachuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Kanaaf ammo dargaggoonni naannichaa gaheesaa akka bahatuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.