Fana: At a Speed of Life!

Dhimma ummataarratti ummata waliin hojjechuun badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf kutannoon ni hojjetama – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC) – Dhimma ummataarratti ummata waliin hojjechuun badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf kutannoon ni hojjetama jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Mariin Ummataa mata duree ‘obbolummaa sabdaneessaa nageenyaa waaraa fi Badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun naannoo Beenishaanguul Gumuz magaalaa Asoosaatti gaggeeffameera.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee maricharratti argamuun ummata mariisisaniiru.

Rakkoolee nageenyaa fi gaaffii misoomaa ummanni kaasu deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu marichaan ka’eera.

Dhimma ummataarratti ummata waliin hojjechuun badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan hojiilee misoomaa gufatan akka haaraatti hojjechuuf mootummaan karooraan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.