Fana: At a Speed of Life!

Dhimma raawwachiisuuf “Tikeeta Keelloo Muradha!” jechuun yakkaa gowwoomsaa kanneen raawwatan 9 to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015 (FBC) – Dhimma raawwachiisuuf “Tikeetaa Keelloo Muradhaa!” jechuun naannawaa garaagaraatti konkolaataan socho’uun yakka gowwoomsuu raawwachuurratti shakkamtoonni bobba’aan sagal to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Shakkamtoonni kunneen yakka gowwoomsaa kanarratti kan bobb’an Immigireeshinii, Ministeeraa Dhimma Alaa akkasuma Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti hojjettoota gumurukaa fi hoggantoota fakkaachuun akka ta’e ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Shakkamtoonni kunneen dabalataan meeshaalee nama dhuunfaa biyya alaarraa galan gowwoomsuun erga feessisanii booda akka fudhatanii miliqan poolisiin hordoffii fi qorannoo taasiseen mirkaneessuu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.