Fana: At a Speed of Life!

Dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuu biyyoota Alaa Sudaa Kibbaa ni mormiti- Ambaasaaddar Jeems Moorgaan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuu biyyoota Alaa Sudaa Kibbaa kan mormitu ta’uu Ityoophiyaatti  Ambaasaaddarri Sudaan Kibbaa Jeems Moorgaan ibsan.

Ambaasaaddar Jeems Moorgaan Ityoophiyaan biyya seenaa waggoota  dheeraa qabduu fi rakkoolee keessoo isheetti mudatan ofiisheen hiikuuf muuxannoo dheeraa kan qabdu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan rakkoolee keessoo ishee ga’umsa mataasheen hiikuu akka dandeessu Sudaan Kibbaa amantaa guutuu kan qabdu ta’uu ibsuun, dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuu biyyoota biroo kan hin deeggarre ta’uu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.