Fana: At a Speed of Life!

Dhimma keessoo Ityoophiyaa giddu seenuun fudhatama hinqabu jechuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ibse

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC)– Dhimma keessoo Ityoophiyaa gidduu seenuun adeemsa seeran alaa waan ta’eef, fudhatama hinqabu jechuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ibse.

Manni marichaa hiriira mata duree “Ityoophiyaaf nan dhaabbadha, sagalee koo nan dhageessisa” jedhuun gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa baaseen humnoonni alaa tokko tokko Ityoophiyaarraatti dhiibbaa uumuuf ejjennoo qabatan balaaleffateera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaarratti qoqqobbii kaa’uuf ejjeennoon qabatan lammiilee nagaa biyyatti kan miidhu ta’uu caalaa, dhimma keessoo biyyaa birmadummaan ishee eegame keessa galuu waan ta’eef, fudhatama hinqabu jechuun manni marichaa balaaleffateera.

Humnoonni alaa gochaa isaaniirraa deebi’anii nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu milkeessuuf ummataa Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbatan jechuun manni marichaa gaafateera.

Marii nageenyaa Gamtaan Afrikaa eegale galmaan geessisuuf gahee isaanii akka bahatan gaafateera.

Hirriira borii fi iftaan naannolee biyyattii garaagaraatti gaggeeffamurrattis lammiileen akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.