Fana: At a Speed of Life!

Dhimma Ityoophiyaarratti Paartileen siyaasaa waloon hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)- Dhimma Ityoophiyaarratti Paartileen siyaasaa waloon hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Balaa birmadummaa Ityoophiyaa mudate qolachuuf, paartileen siyaasaa garagarummaa isaanii cinaatti dhiisanii waloon hojjetaa jiraachuun himameera.

Paartileen morkattootaa dhimmoota waqtaawaa biyyattirratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaa dadhabsiisuufi diiguuf gareen shororkeessaa ABUT fulduraan hiriirsus, duuka isaan biyya dadhabsiisuufi diiguuf isa faana hiriiruun baandoleen keessaafi humnoonni alaa hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Lammiileen Ityoophiyaa wayita ammaa sanyiin, amantaafi gara garummaa siyaasaan osoo waliin hin qoodin biyyattii balaa irraa baraaruuf yeroon waloon dhaabbachuu qaban ammas jedhameera.

Paartileen siyaasaa garagarummaa ilaalchaan osoo hindaangeffamini duula birmadummaa irratti waloon socha’aa jiraachunis himameera.

Akka gabaasa EBCtti birmadummaa Ityoophiyaa tiksuuf hojiileen paartilee morkattootaan waloon hojjetamaa jiru, rakkoolee biyyattii mudatan furuun misoomni waaraa hanga mirkana’uutti cimee itti fufuu akka qabu ibsameera.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.