Fana: At a Speed of Life!

Dhimma Hidha Haaromsaarratti hoggansa Raayyaa Ittisaatif ibsi laatame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Dhimma Hidha Haaromsaarratti hoggansa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRItif ibsi laatame.
 
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsicha galma Koolleejjii Hoggansa Staafii Raayyaa Ittisaatti laataniiru.
 
Sadarkaa marii sadee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts, sadarkaa ijaarsa Hidha Haaromsaa, karoora guutinsa bishaanii fi bulchiinsarratti ibsa laataniiru.
 
Mariin Baankii Addunyaa fi Ameerikaa waliin taasifame milkiin maalif goolabamuu akka dhabes ibsaniiru.
 
Hidhi Haaromsaa biyya kamirrattuu miidhaa fi dhiibbaa akkamiituu kan hin qaqqabsiisne ta’uu himan.
 
Waltajjicharratti Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad, itti aanaan Eetaamaajooraa Jeneraal Biraanuu Julaa, ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii fi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjiitti gorsaa kan ta’an obbo Mootummaa Maqaasaan argamaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.