Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Onnee

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Dhibeen onnee tasaa kan namatti dhufu yoo ta’u hiddoonni dhiigaa, onneetiif raabsan tasaa wayita cufamaman kan mudatuudha.

Dhibeen Onnee tasaa kunis wayita mudatutti, hattamaan wal’ansa kan barbaduu ta’uu Hospiitaalaa Phaawuloositti Ispeeshaalistiin Dhibee Onnee Dooktar Abdusamad Adam turtii Faanaa Biroodkaastingi Korpooreet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Akka Dooktar Abdusamed ibsanitti, sababonni dhibee kanaaf nama saaxilan, hubbaa qoonqoo irra deddebi’ee nama dhukkubu, sochii qaamaa taasisuu dhiisuu ,tamboo xuuxuu, dhugaatii alkoolii baay’isuu, nyaata coomaa fi koolestiroolii hedduu of keessaa qabu sooraachuu, dhibeewwan kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, sukkaraa, kalee fi kanneen biroo qabaachuun dhibee onneef kan nama saaxiluu ta’uu ibsaniiru.

Mallattoolee dhibee onnee:

-Hafuurri wal hanqachuu
-Dadhabbiin namatti dhagahamu,
-Dhahannaan onnee sadarkaa olaanaan dabaluu
-Dhukkubbii laphee ykn qomaa mallattooleen kunneen kan yeroo onneen miidhamte namatti dhagahamu ta’uu Dooktar Abdusamad eeraniiru.

Maloota ittisaa:

*Yeroo dhukkubbiin huubaa qoonqoo namatti dhaga’amu yeroon wal’aanamuu,
*Sochii qaamaa taasisuu,
*nyaata Koolestirooliin itti baay’ate hir’isu,
*Namoonni dhibee biroo kanneen akka, dhiibbaa dhiigaa, kalee fi sukkaaraa qaban akkaataa ogeessi fayyaa ajajeen hordoffii fi wal’aansa taasisuu fi yeroo yeroon ilaallamuun dhibicha ittisuun akka danda’amu kasaaniiru.

Wal’aansa dhibee onnee qorichoota garaagaraa kennuu irraa kaasee hanga baqaqsanii wala’aanutti gahuu kan danda’uu ta’uu Dooktar Abdusamad Adam ibsaniiru.

Tsahaay Gulummaatiin

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.