Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa godaantonni geessisan hir’isuuf hojii hojjetameen bu’aan galmaa’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 4, 2015(FBC)- Waggoottan 5 darbanitti dhiibbaa godaantonni naannawaa jiraatanirratti geessisan hir’isuuf hojii hojjetameen bu’aan galmaa’uu ibsameera.

Waltajjiin gamaaggama Piroojektii Misooma Deebii Dhiibbaa Godaantotaa IGAD 11ffaan magaalaa Gambeellaatti gaggeeffameera.

Bakka bu’aan IGADfi qindeessaan piroojektichaa Dooktar Mahaammad Eelduumaan, dhiibbaa godaantotaan biyyoota godaantota simachuun quubsisan irra gahuu dandamachiisuuf hojiileen misoomaa piroojektichi waggoottan shanan darbanitti hojjete fayyadamummaa waloo mirkaneessuu dubbataniiru.

Pireezidaantiin naannoo Gambeellaa Umad Ujuluun gamasaaniin, piroojektichi hojiilee misoomaa kutaalee hawaasaa aanaalee godaantota simatanii afur keessatti hojjechuu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa piroojektichaaf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii naannoo Beenishaangul Gumuz irraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaatti qindeessaan Piroojektii Misooma Deebii Dhiibbaa Godaantotaa Nigaatuu Boggaalaan, sagantichi naannolee Gambeellaa, Affaar, Beenishaangul Gumuz, Soomaaleefi Tigraay, aanaalee 16fi gandoota 117 keessatti hgojiilee misoomaa garaagaraa hojjechuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.