Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa Dippiloomaasii Ityoophiyaarratti baname dandamachuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabeessa turan – obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Bara kana Dhiibbaa Dippiloomaasii Ityoophiyaarratti baname dandamachuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabeessa kan turan  ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.

Hojiilee dippiloomaasii hojjetamaniin faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa kabachiisuuf tattaaffiin taasiifamuu obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksiisuuf hojiin biyya lammiilee  keessaa fi diyaaspoorawwaniin hojjetame dandeettii guddaa uumuu kaasaaniiru.

Hidha Haaromsaa Guddichaan walqabatee dhiibbaa idil addunyaa uumuuf yaaliin taasiifamus dhimmichi Afrikaatti akka ilaallamu taasiisuun hojiin bu’aa qabeessa ta’e hojjetamuu eeraniiru.

Ityoophiyaa roga hin taaneen maqaa xureessuu fi mirga qabeenya uumamaa isheetti fayyadamuu qabdu sarbuuf biyyoonni shira xaxaa turan jiraachuu obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Shira kana fashaleessuuf Ityoophiyaan bu’aa qabeettii taateerti jedhan.

Alaazaar Taaddaleetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.