Dhiibbaa Covid -19 idil addunyaarran ga’e dandamachuuf Doolaarri biiliyoonni 650 akka ramadamu murtaa’e
Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC) – Dhiibbaa Covid -19 idil addunyaarran ga’e dandamachuuf Doolaarri biiliyoonni dhibbi 6 fi biiliyoonni 50 deeggarsaaf akka ramadamu murtaa’uu ibsameera.
Preezdaant Saahilawarq dhiibbaa weerarri vaayrasii biyyoota afrikaarran ga’uf dandamachuuf yaa’ii deeggarsa walitti qabuu Faransaayitti qophaa’erratti hirmaataniiru.
Dhiibbaa dhibichaa dandamachuuf Doolaara akka ramadamu murtee biiliyoona dhibba 6 fi biiliyoona 50 keessaa biiliyoonni dhibbi 3 fi biiliyoonni 30 ga’ee biyyoota Afrikaa ta’uu ibsi Ministeerri Maallaqaa baase ni agarsiisa.
Dhhaabbanni Maallaqa addunyaa gabaase dhiheenya baaseen dhiibbaa Covid- 19 biyyoota Afrikaarraan ga’e dandamachuuf hanga bara Faranjootaa 2025tti Doolaarri biiliyoonnii dhibbi 3 fi biiliyoonni 30 kan barbaachisu ta’uu ibseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.