Dhiibbaa biyyarra ga’u qolachuuf Raayyaa Ittisaa cinaa ni dhaabbanna – Obbo Dassitaa Leeddaamoo
Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuun daangaa Ityoophiyaa ni kabachiifna jedhan Preezdaantiin Naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon.
Jiraattoonni magaalaa Hawaasaa guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu sababeeffachuun hiriiran ba’uun gammachuu qaban ibsataniiru.
Guutinsi Hidhaa Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuun guddina hunda galeessa Ityoophiyaa kan mirkaneessu ta’uu obbo Dassitaan hiriiricharratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Hidhicha gufachiisuuf qaamoleen garaagaraa dhama’aa turanis hojii isaa dhaabsiisuu hin dandeenye jedhan.
Ijaarsi hidha Haaromsaa hanga xumuramutti deeggarsa barbaachisu cimsine itti fufna jedhan.
Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuun birmadummaa biyya keenyaa ni mirkaneessina jechuun ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.