Dhibeen Koleera Godinaale Oromiyaa 5 keessatti mudateera- BFO
Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Dhibeen Koleera Godinaalee Oromiyaa 5 keessatti mudatee jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse.
Biirichi ittisaa fi to’annoo dhibechaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.
Hoggannaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa, waqtiin kun waqtii roobaa waan ta’eef dhibichi babal’achuu waan danda’uuf hawaasni of eeggannoo cimaas akka taasisu gaafataniiru.
Godinaalee Baalee, Gujii, Arsii Lixaa, Baaleen Bahaa fi Boorana Bahaa keessatti bal’inaan mudatee jiraachuu himanii, tatamsa’ina dhibechaa dhaabuuf hanga ammaatti talaalliin kuma 72 kennamuuDooktar Mangistuun eeraniiru.
Dhibeen Kooleera baakteeriyaadhaan, faalama bishaanii fi nyaataan kan dhufuu ta’uu kaasanii, mallattooleen dhibichaa garaa kasaa, fi Hoqqisiisuu ta’uu himaaniiru.
Ummanni mallattoolee kanneen yoo arge hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa naannawaatti argamutti wal’aansa argachuu akka qabu dhaamaniiru.
Kana malees qulqullina naannawaa fi dhuunfaa eeggachuun ittisaa fi to’annoo dhibechaaf hawaasni gahee isaa akka bahatu hubachiisaniiru.
Lalisee Tasfaayetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.