Dhibeen ‘giinii woorm’ waggoottan lamaan darbanitti namarratti hin muul’anne jedhame.
Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Dhibeen ‘giinii woorm’ waggoottan lamaan darbanitti namarratti hin muul’anne jedhame.
Lakkoofsi dhibichaa bineeldotarratti muul’ate 17 gara 8 hir’achuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.
Gamaaggamni waggaa 24ffaa sagantaa dhibee ‘giinii woorm’ balleessuu magaalaa Gaambeellaatti gaggeeffameera.
Dhibicha balleessuuf Ministeerri Fayyaa FDRI, mootummaan naannoo Gaambeellaa, dhaabbileen tumsaa fi hawaasni qindoominaan hojjechuun ibsameera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan dhibicha bineeldotarraayis guutummaan balleessuuf ni hojjetama jedhaniiru.