Dhibee Taayifoodii
Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Dhibeen Taayifoodii baakteriyoota “Salmonella Typhi” ykn “Salmonella Paratyphi” jedhamaniin dhufa.
Dhukkubni kun biyyoota guddataa jiran keessatti bal’innaan mul’ata.
Taayifoodiin yeroo baay’ee nyaata qulqullinna hin qabne fayyadamuun, bishaan qulqulluu hin taane dhuguun, fuduraaf kuduraa dheedhii naannoo bobbaan itti bahanitti biqile nyaachuun, akkasumas nama dhukkuba san qabu wajjiin hariiroo qaamaa dhihoo ta’e qabaachuun daddarba.
Dandeettiin dhibee ittisuu qaamaa hir’achuun, akkasumas dhukkuboonni ykn qorichoonni asidii garaachaa hir’isan carraa dhukkuba taayifooditiin qabamuu ni dabalu.
Mallatooleen dhukkuba kanaas erga wantoota dhukkuba kana namatti fidaniif saaxilamanii booda torbaan tokkoo hanga sadii keessatti mul’achuu malu.
Mallatooleen isaa:
-Hoo’a qaamaa guyyaa gara guyyaatti dabalaa deemu –
– Bowwoo (dhukkubbii mataa)
-Nama dadhabsiisu
-Nama dafqisiisuu, hollachisuu, ykn qorrachiisuu
-Fedhiin nyaata hir’achuu ykn dhabamuu
– Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu
-Garaa nama gogsuu ykn nama baasuu
– Maashalee harkaafi lukaatti dhukkubbiin namatti dhagahamu
-Garaan nama muruu
Mallatooleen armaan olii hundi yeroo tokkotti/wal faana mul’achuu dhabuu danda’u.
Yoo namarra ture miidhaalee inni qaqqabsiisuu danda’u
– Mar’umaan quunca’e akka dhiiguufi uramee akka qaawula bahu gochuu danda’a
– Darbee darbee Infeekshinii Kalee, Afuuffe fincaanii, Maashaa onnee, Somba, Rajiiji, Tiruu, Manjalloo, Nama suursuu fi dhukkuba akka qalbii dhabuu fiduu danda’a.
Maloota Ittisa isaa
• Qulqullina nyaata keenyaa eeguu.
• Bishaan qulqulluu fayyadamuu
• Mana fincaanitti fayyadamuu
• Mana fincaaniiti yoo baanu harka keenya saamunaan dhiqachuu
• Yeroo nyaata qopheessinu, yeroo nyaata nyaachuuf deemnu harka keenya saamunaan dhiqachuun maloota ittisa dhibichaa keessaa muraasa ta’uu Ogeessi yaala Fayyaa Dooktar Nuureddiin Lukeen ni ibsu.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa