Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Sombaa( TB) ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Ministeera Fayyaa

 

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Dhibee Sombaa (TB) ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun Ministeerri Fayyaa ibse.

Yaa’iin Qorannoo dhibee Sombaa 19ffaafi guyyaan dhibee Sombaa idil-addunyaa bara kanaa magaalaa Arbaa Mincitti kabajamaa jira.

‎Hubannoo hawaasaa cimsuun dhibee Sombaa dhabamsiisuuf hojiileen qorannoo fi qo’annoo hedduun hojjetamuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.‎

Kanaan dura bu’aa qorannoo dhibee kanaa beeksisuuf guyyoota sadii akka fudhatu eeruun, yeroo ammaa maashinoonni bu’aa qorannoo dhibee Kanaa daqiiqaawwan keessatti beeksisuu danda’an kumni 1 dhaabbilee fayyaa 140 oliif kennamuu ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Naannoo Kibba Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.