Fana: At a Speed of Life!

Dhibee busaa ittisuuf agoobarri miiliyoonni 7 ol raabsamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Dhibee busaa Ittisuuf Agoobarri miiliyoonni 7 ol raabsamuufi biifaan keemikaalaas gaggeeffamuu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan himaniiru.

Dooktar Mangistuun dhimmoota Fayyaa ilaalchisee gaaffilee miseensota Caffeerraa ka’aniif deebii laataniiru.

Dhimma ta’e jedhamee hanqina dhiyeessi qorichaa fidan akkasumas kanneen hatanirratti mootummaan tarkaanfii hadhaa’aa fudhataa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan dhaabbilee dhiyeessii qorichaarratti bobba’anii rakkoo biratti mul’ate kuma 1 fi 501 akeekachiisni kennamuu,738 cufamuu fi namoota 50 jalaa eeyyamni haqamuu Dooktar Mangistuun eeraniiru.

Manni Qorichaa Hawaasaa 500 ol naannicha keessatti ijaaramuu kaasaniiru.

Dhibee busaa ittisuuf mootummaan agoobara miiliyoona 7 ol raabsamuufi biifaa keemikaalaas gaggeessuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.