Fana: At a Speed of Life!

Dhibee busaa dhabamsiisuuf hojileen jajjabeessoon hojjetamanis ammallee namoonni hedduun dhibichaan qabamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)- Dhibee busaa dhabamsiisuuf hojileen jajjabeessoon hojjetamanis ammallee namoonni hedduun dhibichaan qabamaa jiraachuu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Hojilee busaa dhabamsiisuuf hojjetamani irratti Adaamaatti mari’atamaa jiruu irratti kan argaman Itti Aanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaan dhibeen busaa ammallee naannichatti rakkoo fayyaa yaaddeessaa ta’uu beeksiseera.
Godina Harargee Bahaa,H arargee lixaa, Arsii, Wallagga Bahaa, Wallagga lixaa, Horro Guduruu Wallaggaa dabalatee goodinaalee 13 fi aanaalee 61 keessatti baayyinaan kan mul’atuu ta’uus obbo Darajjee himaniiruu.
Busaa dhabamsiisuuf karoorri waggaa kudhani(10) qabamee hojjetamaa jiraatuus raawwiin isaa garuu gadii aanaa tahuu obbo Darajjeen himaniiru.
Qulqulliinii hojii,Xiyyeeffannoon hoggansaa gadi aanaa ta’uun, rakkoon qorannoo fi dhiyeessiimmoo raawwiin hojii hojjetamaa gadi aanaa akka ta’uu isa taasiseera.
Dhiibbaan dhibee busaa hawaas diinagdeerratti geesisuu olaanaa ta’uu isaatiinis karoorri saffisaa ji’a ja’aa qophaa’uun hojiitti galameera jedhan obbo Darajjeen.
Rakkoolee gama dhiyyeessiin mul’atanii furuuf biirichi xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jiraachuu kaasuun hoggansi fi ogeessii akkasumas kutaan hawaasaa hundi ga’ee isaa akka ba’atu dhaamaniiru.
Yidnaqaachaw Haylamaariyaamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.