Fana: At a Speed of Life!

Dhibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachiisuuf waggaa waggaan Doolaara tiriiliyoona 3.5 barbaachisa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015(FBC)- Dhibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachiisuuf waggaa waggaan Doolaara tiriiliyoona 3.5 kan barbaachisu ta’uu Komishiniin Ce’umsa Humnaa Ingiliz beeksise.

Komishinichi haala diinagdeen addunyaa gadi lakkifama kaarbooniirraa bilisa ta’uu danda’urratti gabaasa baasuu CGTN gabaaseera.

Hangi maallaqaa eerame kun baayee guddaa ta’us addunyaa faalamarraa bilisa taate uumuuf dirqama ta’uu eerameera.

Maallaqni kunsi bara faranjootaa 2030-2050’tti kan barbaachisu ta’uu komishinichi gabaasa isaan addeesseera.

Maallaqni jedhame kun hanga bara faranjootaa 2050’tti hojiirra kan oolu yoo ta’e mul’ata kana milkeessuun kan danda’amu ta’uufi gaaga’ama sababa jijjiirama qabeenya qilleensaan mudatu hambisuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.

Biyyoonnis yeroo hamaan osoo hin dhufiin dura humna haareffamaa fayyadamuu qabu jechuun komishinicha yaada furmaataa dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.