Fana: At a Speed of Life!

Dhangaggootti proojaktiin misooma qabeenyaa umaama baasii Birrii miiliyoona 10 hojjetamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC) –Dhangaggootti proojaktiin misoomaa qabeenyaa umaama baasii Birrii miiliyoona 10 hojjetamaa jiraachuu ibsame.
Proojekatichi naannoo Dhangaggootti kan argamuu haroo Adeellee giddugaleessaa taasisuun lafa heekatar kuma 11 ni uwwisaa jedhameera.
Naannichatti qabeenyii umaama miidhamee deebi’ee akka danadamatuu, Dirree Dawwaatti lola muudatu hiri’suufi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Proojekaticha baajata ramaduun akka hojjetamuu kan taasisaan Eegumsa naannoo Federaalaa, Komiishinii jijjiirrama qabeenya qilleensaa, biiroon Eegumsa naannoo Oromiyaa fi Yuunvarsiitii Haramayyaa ta’u ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.