Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota cimaa ijaaruu itti fufna – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti daa’imman qaamaa fi sammuun dagaaganii akka guddatan cimnee hojjechuu itti fufna jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

‘Daa’imman Abdii boruu Finfinnee” dhaadannoo jedhuun sochii daa’imummaa gulantaa jalqabaa eegalleen hojiirra oolmaa isaaf xiyyeeffannoo addaa laannee guyyoottan 90 keessatti hojiilee biraa hojjataman ilaalchisee kutaalee magaalaa, aanaalee fi hoggantoota dhaabbilee qooda fudhattoota waliin mari’anneerra jedhan Aadde Adaanach.

Magaalaa Finfinnee magaala daa’imman taphatanii, qaamaa fi sammuun dagaaganii kan itti guddatan magaalaa guddoo Afrikaa filatamtuu taasisuun dhaloota cimaa ijaaruu itti fufna jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.