Dhaloota beekumsaan biyya ofii ijaaree badhaadhina mirkaneessu uumuuf hojjetamaa jira-Preezdaant Shimallis
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa oobo Shimallis Abdiisaa dhaloota beekumsaan biyya ofii ijaaree badhaadhina mirkaneessu uumuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Obbo Shimallis Abdiisaa kana kan jedhan ijaarsa Mana Barumsaa Oolmaa Daa’imanii Bu’uura Boruu Magaalaa Mojoo eegalchiisanirratti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma naannichaaf humna sadiirrati xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu himaniiru.
Kunis humna ummataan,qabatamaan haala jiruu fi jireenya hawaasa Naannichaa jijjiiruu,galii naannichaa sirnaan sassaabuun,fayidaa barbaadameef oolchuu akka ta’es dubbataniiru.
Wayita milka’ina kanaaf hojjennu qormaata sadii hanna,odeessee bultootaa fi dhibaa’ummaa daandiirraa maksuun daandii milkaa’ina keenya qulqulleffannee injifachuu qabnas jedhaniiru.
Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo gama isaaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara kana proojeektii Barnootaa Ifa Boruu, Birrii biiliyoona 4.9 ol ramaduun akka Naannoo Oromiyaatti karoorfamee hojjetamaa turu himaniiru.
Marsaa 2ffaa kanaanis naannichaatti manneen barnootaa Oolmaa Daa’imanii Bu’uura Boruu 3000 ganna kanatti ijaarsisuun bara barnoota 2014f kan qopheessan ta’uu dubbataniiru.
Waggaa lamaa as Biiroon Barnoota Oromiyaa xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira.
Barnoota Sirna Gadaa gosa barnoota baratamu keessa galcheeraa, kunis injifannoo tokkoo jedhan.
Magaalaa Mojootti prloojektoonni bu’uuraalee misoomaa gurguddoon bara kana hojjetamuun marsaa 2ffaaf eebbaaf qaqqabanis eebbifamaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Mojoo addee Masarat Asaffaa, Bulchiinsi Magaalaa Mojoo gaaffii Uummata Magaalichaa fi naannooshee deebisuuf cimnaan hojjechaa jiraachuu eeruun,iccitiin milkaa’ina isaanii hordooffii yeroo yeroon taasisuu fi rakkoolee fi hanqinaalee jiran ariitiin furuu ta’uu dubbataniiru.
Milkaa’ina hojii isaaniif jalqabaa hanga dhumatti warra gumaachaan preezdaant Shimallisii fi kanneen biroof kennaa galataa kennuu ragaan waajjira preezdaantii naannichaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.