Fana: At a Speed of Life!

Dhaloonni har’aa Gadaan yoo utubame biyya ceesisuu danda’a-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC)- Dhaloonni har’aa Gadaan utubamee, safuu isaa eegate yoo interpirinaarshippiitti guddate, dhaloota biyyaa irra darbee adduunyaa ceesisu horachuun akka danda’amu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pireezidaantii Shimallis sirna eebbaa kitaaba barnoota Safuu irratti argamuun haasawaa taasisaniin, waggoottan darban mootummaan Naannoo Oromiyaa barnoota irratti xiyyeeffannaan hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Gama barnootaan ofiirraa kaa’uu dhabuun keenyaa kuffattii olaanaaf kan nu saaxilee fi sirni barnoota rakkoo keessaa tures jedhan.

Haaluma kanaan mootummaan naannichaa sirna barnootaa duudhaa uummataa bu’uurreffate hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu kaasanii, waggoottan darbanis sirni barnoota Gadaa manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti akka kennu ta’uu himaniiru.

Har’a immoo Sirna Barnoota Safuu fi Ogummaa sadarkaa Oromiyaatti labsamuun dhaloonni aadaa, duudhaa fi safuu isaa akka baratu kallattiin kaa’ameera jedhan.

Barnoonni safuu, namni tokko safuu fi duudhaa hawaasa isaa akka baratuu, walhubatuuf kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Dhaloonni har’aa Gadaan utubamee, safuu isaa eegate yoo interpirinaarshippiitti guddate, dhaloota biyyaa irra darbee adduunyaa ceesisu horachuun akka danda’amu kaasaniiru.

Kun immoo egere Oromiyaa fi Itiyoophiyaaf murteessadha jedhan Pireesdaanti Shimallis.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.