Fana: At a Speed of Life!

Dhaloonni ammaa akka gootota Adwaa hojii baraa baratti ce’u hojjechuu qaba- Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Dhaloonni ammaa akka gootota Adwaa hojii baraa baratti ce’u hojjechuu akka qabu Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa ibsan.

Ayyaanichi uummata Ityoophiyaa hunda dabalatee uummata calaqqeen injifannoo ba’eef hundaaf guyyaa itti gammachuun labsame ta’uu ergaa sirna kabaja ayyaanichaa 126ffaa magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffameen dabarsaniin.

Ayyanichi abbootiin keenya onnee guutuu fi tokkummaan weeraraa jilbeeffachiisuu, Ityoophiyaa har’aaf bu’uura cimaa kaa’uu fi dhaloota har’aaf ammoo guyyaa boonsaa ta’uu eeraniiru.

Dhaloonni ammaa akkuma abbootasaa hojiilee baraa baratti darban irratti aadaa tokkummaan dhaabachuu dhaaluu fi kutannoon hidha haaromsa guddichaa dabalatee yaadawwan biyyaalessaarratti mul’achaa jiru agarsiistuu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.