Fana: At a Speed of Life!

Dhalli namaa hambaa umamaa leecalloo badhaadheen kan eebbifameedha-Pireezidaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaanitti biqiltuu dhaabaniiru.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti hawaasa keenya waliin hirmaachuun galaa dhaloota egereef ta’u kaa’uu kiyyatti kabaja guddaatu natti dhagahame jedhaniiru.

Dhalli namaa hambaa umamaa leecalloo badhaadheen kan eebbifame ta’uus ibsaniiru.

Haata’u malee, leecalloowwan kanneen of-eeggannoo malee mancaasuun balaa hamaaf saaxilameera jedhan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti Looreeta Nagaa Addunyaa, Ministiraa Muummee keenya, Dooktar Abiy Ahmadiin eegalame kun qormaatichaaf deebii keenya hangafaati.

Naannoon Oromiyaa yeroo hunda humna ummata isaatiin waan ajaa’ibsiisaa hojjechuu irratti adda duree ta’uu himaniiru.

Haaluma kanaan, akka naannootti bariin bahuun gaarreewwan keenyatti naatoo, sululoota adiyyoomanitti abdii, lageewwaani fi burqituuwwan keenyatti kuula uwwisnee jirra.

Obbo Shimallis Lammiilee waamicha fudhattanii qooddatoota seenaa kanaa taa’an galateeffataniiru.

biqiltuuwwan dhaabbatan of eeggannoo olaanoon akka kunuunsanis waamicha dhiyeessaniiru.

#AshaaraaMagariisa 2016

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.