Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee jiraatan dhimmoota yeroo biyyaalessaarratti mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015(FBC)-  Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa garaagaraa jiraatan dhimmoota yeroo biyyaalessaarratti mari’atan.

Gochaafi badii gareen shororkeessaa ABUT uummata Tigraay irraan gahaa jiru balaaleffataniiru.

Uummanni Tigraay uummata nageenya jaallatuufi uummata saboota biroo waliin waliigalee jiraatu ta’uu ibsaniiru.

Uummatichi waraana kaayyoo hin qabneen rakkachaa jiraachuufi mootummaan qaqqabuufii qaba jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Garee badii kana lammiilee nagaarraa adda baasuun barbaachisaa ta’uufi uummata Ityoophiyaa waliin ta’uun garicharratti kan qabsaa’an ta’uu eeraniiru.

Waraanarraa bu’aan argamu kan hin jirre ta’uufi uummata rakkoo keessaa baasuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dhaloota egeree nageenya malee waraan hin dhaalchisnu, mootummaa cinaa dhaabannee nageenyi naannoo Tigraay akkasumas biyyattii akka mirkanaa’uuf qooda keenya ni ba’anna jechuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.