Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni Tigraay Hararii jiraatan waraana gareen ABUT bane balaaleffatan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Dhalattoonni Tigraay naannoo Hararii jiraatan waraana gareen shororkeessaan ABUT marsaa 3ffaan bane balaaleffatan.

Dhalattoonni Tigraay naannicha jiraatan haala yeroo biyyaalessaarratti mari’ataniiru.

Waraanni garee shororkeessaa ABUTiin baname xumuramee nageenyi osoo mirkanaa’ee hunda dura naannoon Tigraay fayyadamaa kan ta’u ta’uu hirmaattonni marichaa eeraniiru.

Kutannoo mootummaan haleellaa garicha qolachuufi nageenya fiduuf qabuu kan deeggaran ta’uu kaasaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT ijoollee waraanatti bobbaasuufi naannicha egeree malee hambisuuf waraana eegale kan balaaleffatan ta’uu beeksisaniiru.

Uummanni Tigraayiifi gareen shororkeessaa ABUT tokko akka hin taaneefi garichi carraa filannoo nageenyaa mootummaan dhiyeesseef akka fayyadamuuf fedhii kan qaban ta’uu addeessaniiru.

Sochii mootummaan garee shororkeessaa kana balleessuufi uummata Tigraayiin baraaruuf eegale kan deeggaran ta’uu mirkaneessaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.