Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni naannoo Tigraay kumaatamatti lakka’aaman miidhaa gareen ABUT qaqqabsiisee baqachuu naannoo Amaaraa galan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)- Dhalattoonni naannoo Tigraay kumaatamatti lakka’aaman miidhaa fi gocha sukkanneessaa gareen ABUT isaaniirraan gahee baqachuu magaaloota ollaa naannoo Amaaraa da’aachuun isaanii ibsameera.

Dhalattoonni naannichaa kunneen gacha garee shororkeessichaa baqachuun godina Walloo Kaabaa magaalaa Qobboo fi naannichatti buufatalee da’annaa sadii keessaatti da’aataanii akka jiran ibsame.

Haaluma walfakkatunis magaalaa Saqooxaatti buqqatoonni naannoo Tigraay mootummaa fi uummataarra deeggarsa argachaa akka jiran himameera.

Guyya guyyaanis baqattoonni naannoo Tigraay kuma 10tti lakka’aamaan lubbuu isaanii baraaruuf gara magaaloota olla naannoo Amaaraatti baqachaa jiru.

Buqqatoonni kunneenis hoggantoonnii fi hidhattoonni garee ABUT uummatarraatti miidhaa fi gochaa sukkanneessaa raawwataa jiraachuus himaniiru.

Akkasumas gareen kun deeggarsa uummataaf mootummaa Ityoophiyaarra ergamuun dhorkuun beelicha akka carraa gaariitti fayyadamuun waraanaa irra deebiif dirqamsiisee filaa akka jiruus kaasaniiru.

Maddi:-DHPI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.