Fana: At a Speed of Life!

Dhalattonni Ityoophiyaa fI Ityoophiyaannonni Awustiraaliyaa fi Niwuuzlaand Hidha Haaromsaa Guddichaaf boondii doolaraa kuma 200 oliin bitan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2013 (FBC) –Dhalattonni Ityoophiyaa fI Ityoophiyaannonni Awustiraaliyaa fi Niwuuzlaand Hidha Haaromsaa Guddichaaf keenna fi bittaa boondii doolaraa Ameerikaa kuma dhibba 2 fi kuma 33 fi 557n bitaniiru.

Dhalattonni Ityoophiyaa fI Ityoophiyaannonni Awustiraaliyaa fi Niwuuzlaand jiraataan mata duree ”hidhichi akka xumuramuuf gamaakoon shooraako na bahaa, dhalootaaf Ashaarakoo nan kaa’a” jedhuun raawwii proojaktii hidha haaromsaa guddichaaf kan ooluu maallaqa laachuuf viidiyoo koonfiraansii gaggeesaniiru.

Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachaw, ergaa dabarsaniin hidhi haaromsaa Ityoophiyaan birmaddummaa laga Abbaayiirratti qabduuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Obbo Gadduun, bittaa boondii, keennaa akkasumaas weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaffii taasifamuuf deeggarsa dayaaspooraa hunda galateefataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.