Fana: At a Speed of Life!

Dhalachuun Yesuus Dhiifama, Araaraafi Deebisanii Ijaaruu Kan Nu Barsiisedha- Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)- Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaniin Dhalachuun Yesuus Dhiifama, Araaraafi Deebisanii Ijaaruu Kan Nu Barsiisedha jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Waaqayyo dhala namaa ofii isaatti aansuudhaan akka bifaafi fakkaattii isaatti uumee uumama hundumaa irrattis aangoo kenneefii nagaatti akka jiraatuuf kan eebbise ta’uu macaafni Qulqulluun dhugaa ba’a.

Namni akka fakkeenya waaqayyootti ulfinaafi kabajaaf uumame seeraafi qajeelfama uumaan isaaf kenne dagachuun karaa eebbaaf nagaa guutuu qabu dhiisee garbummaa hafuura hamaa jala akka gales dhugaa nuuf ba’eera.

Namni birmadummaa guutuu uumaan kennameef gadi dhiisee garbummaa jala kan gale qofa osoo hin taane, abdii bara baraa dhabee daandii gara abidda jaannabaa geessu irra imale.

Waaqayyos ilma namaa bade barbaacha nama ta’ee mul’achuun birmadummaa deebi’ee hin banne gonfachiisuuf murteesse.

Sagaleen misiraachoo abdii hordoftoota Amantaa kiristaanaa baroota baay’eef eegamaa ture kun erga dhugoomee har’a waggoonni 2016 lakkaa’amaniiru.

Dhalachuun Yesuus mallattoo dhiifamaa, araaraafi kakuu Waaqaafi nama gidduudhaa diigamee ture kan haaromse ce’umsa dukkana irraa gara ifaatti taasifamedha.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa kan naannoofi biyya keenyaa keessa akkasumas biyya alaa jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa ulfinaafi kabajaan guute guyyaa yaadannoo dhalachuu Yesuus Kiristoos kan bara 2016 nagaan geessan jechuun barbaada.

Dhalachuun isaa Seexana abdii kutachiisee, birmadummaa ilmoo namaa kan labseefi maaddii dhiifamaa, jaalalaaf tokkummaa Waaqaafi ilma namaa kan haaromse mallattoo kakuu haaraa ta’uu macaafni qulqulluun dhugaa ba’eera.

Daandiin jaalalaa, obsaan danda’uufi tokkummaa deebisanii ijaaruun guutame kun aarsaa guddaan kan argame ta’us araaraafi dhiifamaan kan goolabamedha.

Duudhaa guddaan kun hordoftoota Amantaa Kiristaanaa birattis ta’e jireenya ilmoo namaa keessatti kabajaafi ulfina guddaa kan qabudha.

Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaafi uummattoonni naannoo keenyaa biyya tokkicha waliin qabnu keessatti dhiifama, araaraafi tokkummaatu hunda keenya barbaachisa.

Dhiifamniifi araarri dallaa jibbiinsaa diiga; jaalallis riqicha tokkummaa keenya ijaaree nuuf cimsa.

Seenaan keenya kan agarsiisu imalli keenya waggoota dheeraa ijaarsa biyyaa keessatti taasifamaa as ga’e wal kuffisanii darbuufi wal qoqqooduu, dhiifama gochuurra jibbiinsa babal’isuu, wal utubuurra wal diiguun kan keessatti dagaageedha.

Har’as barsiifata badaa kaleessaa dhaalameen safuufi naamusni hawaasaa cabuun qormaata rakkisaa keessa nu galchee jira.

Nagaan, badhaadhinniifi Federaalizimii sabdaneessi obbolummaa irratti ijaarame salphaatti diriiruu akka hin dandeenye ni hubanna; ta’us aarsaa barbaachisu hunda kaffallee seenaa wal kuffisanii darbuufi maraammartoo wal ajjeechaa biyya keenyatti aadeffame kana geeddarree biyya nagaafi tasgabbiin guutamte ni ijaarra.

Kana dhugoomsuufis abdii kuttannaa tokko malee ummata keenya waliin harka wal qabannee ni hojjenna.

Garaa garummaan nuti qabnu akkuma jirutti ta’ee biyya waliin ijaarranne keessatti nageenyaan waliin jiraachuuf qofa osoo hintaane biyya wal qixxummaa, obbolummaafi sab-daneessummaan keessatti mirkanaa’e ijaarree xumuruuf jaalalaan ida’amnee dhiifamaan ce’uun maraammartoo hamaa keessa jirru keessaa ba’uun filannoo amansiisaadha.

Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa hundi duudhaafi barsiisa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos irraa dhaalleen dhiifama waliif gochuu, kan kufe kaasuu, kan beela’e nyaachisuu, jaalala qajeelummaa qabu walii keenyatti agarsiisuun nageenya biyya keenyaa milkaa’aa taasisuu keessatti Ambaasaaddara nagaa taatanii hojjechuu akka qabdan waamichakoon isiniif dhiyeessuu barbaada.

Imala jijjiiramaa eegalame cimsinee ceesisuun biyya ijaarsa sirna dimokiraasiin milkoofteefi badhaadhina hunda galeessa gonfatte mirkaneessuuf tumsi ummata Oromoofi saboota Itoophiyaa hundi taasisaa jiran utubaa Itoophiyaa haaraa waan ta’eef hundi keenya waloon hojjennee ni dhugoomsina!

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.