Fana: At a Speed of Life!

Dhagaan Bu’uuraa ijaarsa Piroojektii Bishaan dhugaatii jiraattoota kuma 80 ol fayyadamuu taasiisuu kaa’ame

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leddaamoon Magaalaa Hawaasaatti Ijaarsa Piroojektii Bishaan dhugaatii jiraattoota kuma 80 ol fayyadamuu taasiisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Piroojektoota naannichi sadarkaa olaanaan hojiirra oolchaa jiru keessaa Piroojektiin bishaan dhugaatii isa tokko ta’uu Obbo Dastaan himaniiru.

Piroojektiin kun waayita xumurame uwwisa bidhaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Hawaasaa % 84tti ol guddisa jedhame.

Ijaarsa Piroojektichaaf Birrii miiliyoonni 230 ramadamuu eerameera.

Ijaarsa isaa baatiwwan 6 -9 keessatti xumuruuf karoorfamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Sidaamaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.