Fana: At a Speed of Life!

Dhagaan bu’uraa proojaktii jallisii Diniq Calcal kaa’ame

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Dhagaan bu’uraa proojaktii jallisii Diniq Calcal kaa’ame.

Godina Baalee Bahaa Aanaa Raayituu fi Gidhiir gidduutti dhakaan bu’uraa Proojaktii misooma jallisii Diniq Calcal bakka Mummeen Ministeera Dooktar Abiy Ahimad fi Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa argamanitti kaa’ame.

Proojaktiin misooma jallisii Diniq Calcal Laga Calcal irratti kan hojjetamuu yoo ta’u Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota Aanaa Raayituu fi Aanaa Gidhiir fayyadamaa kan taasisudha.

Abbaan proojaktichaa Komishinii Misooma Jallisii Federaalaa yoo ta’u Ijaarsa isaatifis Birrii biliyoona 2.822 ramadameefi jira.

Ijaarsicha kan hojjetan FDRI Intarpiraayizii Ijaarsa Ittisaa fi Intarpiraayizii Ijaarsa Bishaan Oromiyaa Yoo ta’an Dhaabbanni Dizaayinii fi To’annoo Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa ammo hojii gorsaa kan hojjetu ta’a.

Ijaarsi Isaa bara 2015 akka xumuramu kan qabameefi yoo ta’u yeroo xumuramus lafa hektaara 4145.7 kan misoomsu ta’a jedhameera.

Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.