Fana: At a Speed of Life!

Dhagaa cilee bifa ammayyaan oomishuuf qorannoo bu’aa qabeessummaa, Ji’ooloojii, iddoo fi  hanga kuufamaa gareen qoratu hundaa’e

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Dhagaa cilee bifa ammaayyaan oomishuuf bu’aa qabeessummaa, qorannoo Ji’ooloojii,iddoo fi  hanga kuusaa gareen qoratu hundaa’uu Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Gareen hundaa’e kun bu’aa argate koree biyyaalessaaf dhiyeessuuf hojiitti galuu isaa Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan himaniiru.

Dhagaan cilee naannoo Oromiyaa, Beeniishaanguul Guumz, fi naannoo Kibbatti ba’inaan kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Injiinar Taakkaleen biyyattii keessa kuufamni dhagaa cilee olaanaan jiraatus Ityoophiyaan irraa fayyadamaa hin jirtu jedhan.

Bara kana bittaa dhagaa cileef Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 27 baasii ta’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni agarsiisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.